Telegram Group & Telegram Channel
#Fayyaa_Gadaamessa_Keessatti!

Fayyaa eeggachuun erga dhalatanii booda qofa osoo hin taane gadaamessa haadhaa keessatti kunuunsa godhamuu qabus of keessatti hammata.
Miidhawwan garagaraa yeroo ulfaa haadha tokko irra gahan fayyaa daa'imaa irratti dhiibbaa akka dhaqabsiisan beekkamaadha. Wantoonni haati takka yeroo ulfaatti soorattu fi dhugdu akkasumas hojiiwwaan isheen yeroo sanitti hojjattu kan daa'ima sana rakkoo irraan geessisu yoo ta'e egeree daa'imichaas dhukkuboota qaamaa gargaraa, rakkoowwan xiinsammuu adda addaa fi dhukkuboota sammuutiifis saaxiluu danda'a.
Rakkoo dhufu kana hanbisuudhaaf kununsaa fi of eeggannaa barbaachisu gochuutu barbaachisa.

#Kununsaa_fi_Of_eeggannaa haati ulfaa takka gochuu qabdu:
√  Hanga danda'ameen soorata Viitaaminiidhaan badhaadhe soorachuuf yaaluu.
√ Alkoolii dhuguu irraa of qusachuu.
√ Sigaaraa aarsuun hin barbaachisu. Dabalaatanis eddoo sigaaraan itti aarfamu irraa of fageessuu.
√ Hirriba gahaa rafuu.
√ Of dhiphisuu fi aaruu dhiisuu.
√ Hojii ciccimaa isaan miidhuu danda'u irraa of qusachuu.
√ Foon dheedhii nyaachuu dhiisuu.
√ Qorichoota daa'ima gadaamessa keessa jiru irratti dhiibbaa dhaqqabsiisu danda'an kamuu fudhachuu irraa of qusachuu.
√ Wantoota akka bunaa fi shaayii baayyisuu dhiisuu.
√ Hordoffii Ulfaa itti fufiinsa qabu gochuu.

Abbaan manaa fi maatiin biroos gama barbaachisu hundaan haadha daa'ima garatti baattu cinaa dhaabbachuu qabu.

👉 Durisinee fayyaa keenyaa fi maatii keenyaa eeggachuun baasii humnaa olii kan yaala dhukkubichaatiif bahu jalaa nu oolcha. Yaaddoo fi cabiinsa qor-qalbii jalaas nu barara!
🍊Fayyaan keenya qabeenya nutti qabnu hunduma irra ni caala.

Fayyaa hin dhabinaa!!
#Join
@sammuukoof
@sammuukoof

tg-me.com/sammuukoof/449
Create:
Last Update:

BY FAYYAA SAMMUU

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/sammuukoof/449

View MORE
Open in Telegram

Damma daamuu Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

China’s stock markets are some of the largest in the world, with total market capitalization reaching RMB 79 trillion (US$12.2 trillion) in 2020. China’s stock markets are seen as a crucial tool for driving economic growth, in particular for financing the country’s rapidly growing high-tech sectors.Although traditionally closed off to overseas investors, China’s financial markets have gradually been loosening restrictions over the past couple of decades. At the same time, reforms have sought to make it easier for Chinese companies to list on onshore stock exchanges, and new programs have been launched in attempts to lure some of China’s most coveted overseas-listed companies back to the country.

Damma daamuu from ca

Telegram FAYYAA SAMMUU
FROM USA